UUMAA MARAA: DAMEE FIQAADUU
Vložit
- čas přidán 4. 12. 2020
- Singer: #DameFekadu
Music: Game Biratu
Video: #HooqubaaFilms
Director: Segni Dibisa
Producer: #WAKJIRATUBE
Faarfannaan kun Iyoob 38: 1-41 irratti hundaa'a.
#WAKJIRATUBE brings you #Oromo #Gospel songs and educational videos. Thank you for watching and subscribing. - Hudba
I heard this song more than 100 times, but every time it is becoming new. I am blessed with it!!! May Almighty God bless you!!
That's why I often come back to listen to it💞
@@artos3840 rjosdhibe.lyfqai
🎵🎵🎵
Np.o
@@artos3840 www
Hin quufamu dhugaa.stay blessed
Abbaa cabsaa asiis Jirtuumoo
Dr bakkan dhaqu hundaa jirtam 🤷♀️🤷♀️
@@singitengeremew hhhhh
@daniel jura 🤷♀️🤷♀️
Abba caabsa 😂
Gurbaan kun DInqiidha aboo....... adaraa bubbee warra kaan raasee irraa of eegi waaqis si haa gargaaru
eeyyee dameen mucaa namusaan waaqayyo dandeetti adda waliin eebbiseedha. waaqayyo isaa wajjiin haa ta'u
Obboleessa koo Damee, Waaqayyo si haa eebbisu!! Faarfannaan kee akkuma maqaasaa uumaa maraa faarfata-eenyummaasaa seenessa. Kan hedduu namatti tolu immoo (1)bugii bugii hin qabu, (2)uffata kana ykn sana jijjiiruunis ta'u iddoo digdama jijjiiruun (gaara bahuun laga lixuun) ijas nama hin jaamsu. Keessumaa walaloon kee immoo ajaa'iba, jechooti kee lafee cabsanii seenu! Baadiyaa Oromiyaa fi duudhaashee isa miidhagaa sanas bareechite nutti agarsiifte. Kiliippii kana qopheesuunis gatii hedduu waan siif salphise natti fakkaata. Walumaagaltti hojii ajaa'ibaa hojjette, Waaqayyo guddisee si haa eebisu, siifis haa dabalu jechuun jalladha! Faarfannaan/faarfattoota akkasii nuuf haa baay'isu gooftaan!
Har'uma kana tarii si'a kudhanii ol irra deddeebi'ee daawwadheen jira; sichis irra deebi'ee daawwachuunkoo ittuma fufa. HIN QUUFAMU yeeee...
Asee, hojiin akkasii ittuma haa cimu. Obboloota akkasii jajjabeessuun yaada eebbifamaadha; atis nuun ga'uukeef eebbifami!
hhh bugii bugii
Ѕ
ሃሌሉያ!!! uuuuuuuuuuuu....! ሃሌሉያ! ይኼ መዝሙር ግን መልእክቱም ዜማውም አንደኛ። ዘማሪዎቹን ሙዚቀኞቹን በዚህ ላይ የተሳተፋችሁትን በሙሉ እግዚአብሔር አምላክ ዘመናችሁን ይባርክ!!!😍😍😍😍
AJI"BAA FARFANA JECHOTAA ADAAN MUDAMEF AYANAA GUTUU HOGANAME ,GOOFTAAN BARAA KEE GUTUMA HAA EBISUU,HAFII JIRADHU .
#UUMAA_MARAA!
Daangeffamaa yaadaa siif hin qabu
Ilaalcha koo jallaan siif qajeelcha
Daba dubbadhee hamaa hin ba’u
Halkan bulchee guyyaa situ na oolcha
Barsiifata hin qabu waa deggersa
Arjooma kee malee mi’aa hin qabu
Sagalee godeessan siin ciradhe
Of jaalladheen jira komii hin qabu
Ballaa lafaa situ uume
Bo’oo bishaan irra deemu
Qaqawweedhaaf karaa baafte
Balaqqeen hin naasifamu
Ifa lafa naaf abboomte
Tutaan keesse urjii torbii
Onaa lafaa magarsite
Kennaa keeti bokkaaf roobi
Daandii ifti ittiin tamsa’u
Situ kaa’e qajeelcha isaa
Bittimfamuu qara ifaa
Ooleera gubaa qilleensaa
Qalqala bishaanii jigsee
Situ roobsa samii keessaa
Biyyoo lafaa jabeessite
Suphee suphee wal qabsiisa
Dhuunfaa keeti ogummaansaa
Cabsatee nan nyaanne galaanni
Manii isaatti cufaa goote
Duumessaaf dukkana uffata
Cufaa itti goote danqartee
Hamma ifaa situ hubataa
Dukkanaaf daangaa situ kaa’e
Dandeettii kee maaltu hubata
Duumessa’oo situ lakkaa’e
Na oolchite konkolaachuu dhagaa gaaraa
Ya Uumaa koo dhukkubattis situ na maara
Tulloonni koo bara baraan eebba cobu
Ooyiruudhaaf bineeldonnis nagaa qabu
Natti aanta akka ormaa siin saalfadhu
Anaaf beekta turjumaana hin waamsifadhu
Sin jaalladha toora jiruu na barsiifte
Garraamii koo fooniif lubbuun na eebbiste
Haala hin eegu iddoo hin filu faarfachuun koo
Yeroo mara siif ho’aadha galanni koo
Hundee lafaa situ dhaabe
Safartuusaa ofiin murteessee
Burqituu galaanaa tolche
Ogummaan kee gadi fageessee
Qarri du’aa siin dhaga’a
Sodaachisuun isaa siif miti
Sagaleedhaan geggeessitee
Bakakkaayyuu abboomtahoo ati
Kanan qabu faaruu keeti
Gaarummaan kee anaan ifa
Si’iidha kan na eebbisu
Nagaa kootiinan jiraadha
Lagoonni illee naaf mirgisu
Sagaleen kee naaf dubbata
Laftis midhaan anaaf baasa
Ya Uumaa koo galata kee
Onnee koo irraan si eebbisa
Ajaa’ibni ani dubbatadhu
Dinqii keetu faarfamaadha
Isan si beeku irra caalee
Addummaan kee edaa jaaraadha
Ifa keetiin miidhagsitee
Anaaf uumteem ati dachee
Furee biyyaa ragaa qabda
Yeroo dhabaan lakkuu dhalche
Cariin qilleensaa boora’ee
Magarisni yoo gogani
Jaalalli kee ammayyuu jira
Anaaf sidhaam hardhas gootni
Uumaa maraa sagalee keetu anaan dhiba
Yaadaan qabee kaaniin dhiisee kaaniin diba
Ajajaan kee eenyutu ka’e maaltu dhufee
Dacheen kunuu beekumsi isheeyyuu siin kufe
Haa hammaatu biyyi lafaa naaf liqiidha
Si wajjiiniin Gooshen anaaf bakkee jiidhaa
Bayyaannadhee sitti hin ta’u ani nama qoosaa
Seera keetu qajeelfamaan na geggeessa
waaqayyoo si ha eebbisuu 🙏️🙏️🙏️🙏️🙏️
Dhugaadha
Ani wodoftiu Amanti birati garuu farfafanaaa kaan guyyaa kesaati yoo tiqatee yeroo 5 oli dhagefadhaaa Ebifamiii oblesaa koo
Galatoomii
Dameekoo kennaa keenya!
Baga nagaan dhufte. Faarfannaa kana quufuu hin danda'u!
Eebbi sirraa hin caamu🙏
Ameen Ameen uuffff baay'een itti boqadha farffannaa kana,afuura koo hiikaa.
waaqayyoo siiyaa ebbisu dhageefadhe qufuun dadhabee. baay'ee natti tolee
Damee fiqaduu welcome back 🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏💯💯💯💯💕💕💕💕💕💕
Ayyanni waqayyoo dacha dacha si irratti .haa dhangala'u dame
baayee galata guddaa qabda gooftaan barakeef tajaajilakee haaeebisu
Eebbifami obboleessa keenya Damee haayyanni siif haadabalamu !!!!!
Maal akkam namtti tolaa Waaqayyoonkoo sihaa eebbisu ammallee yoomiyyuu taanaan faarfannaankee dhimmi ijoonsaa jajuu waaqayyoo qofa haa ta'u eebbifami dachaa dhaan
Jechoonni ati fayyadamtu baayyee namatti tolu.Faarfannaa bareedaa.
damee koo nama waaqaa jabaadhu gooftaan si haa eebbisu. faarfannaa akkas nama qabbaneessu
AMEN AMEN KARAA DHUGAA FI JIREENYAA SII QOFAA DHA!!
JESUS IS LORD OF LORD IF LOVE OR NOT HE IS THE LORD OF LORD!1
LEAVE ME ALONE I LOVE MY SEVER HIS LOVE IS NOT LIKE WORLD LOVES YOU
ISSNII HAA EBISUU EBIFAMAA!!
Waaqayyo si haa eebbisu namana
Farfannaa aja'ibaatti😍 Yesuus aadaa keenya waliin nu jalate!
Eebbifaami🙏
Abara
Baayyee namatti tola faaruu uumama waaqayyoo mama ajabsiisudha ulfaadhu kanaa ol eebbifamii.
I do not know how many times I listened this song! Somedays, I put it on a loop, and repeatedly listen for a long time. It is a fantastic song and touches deep in my heart. Dame is very blessed, and God bless him abundantly. We are blessed, and the video is just life. It reminds my upbringing when I see the amazing video. It is an outstanding song and video. All of his songs are great by the way. God protect Dame!
Amazing song ❤
Ameeeeeen uuuuuufffeeee baay'ee namaati tolaa dhugaa ebbifamii dachaa Damee keenyaa
Uuffeey Dameeko nuuf jiraadhuu waaqayyoo barake haa eebbisu Ebbifami
Dammee waaqi abba gubbaa dacha dacha siifi Gammee Birritu haa eebbisuu
woow eebbifami damee baay'ee namatti tola ........
wooowww....baayyeen jaalladhe eebbifami Damee
Uuuuuuuffffff amneeee amneee amneeee ebifamii Damnee koo dhugaa farfanani kee hunduntuu namaa ebisaa
Eebbaaf ta'aa atis Dameenis jaallatameera UUMAAN MARAA
Uuuffffeeee waawooooo
Waqayyoo isiin haa eebisuu
💞💖🤛🤜🤜👍👍👍👍👍💋💋💋💋
Uuuuuffffaaayyiii Ammeen ammeen umaa maraa inni ta'ee waqni waqqootaa jireenyaa kee waan maraan haa ebbisuu farfaannaa kee hindisaa dhageefaadhee hin qufuum ayaani hamaalee siif haa bayaatuu
This is my 30 times to hear this song what a song ... Yerro 30ffa ilalaa Jirra
gooftaan ammas ayyaana siif haadabalu. quufuun dadhabe.....waggaa oli.
Incredible.woow i havnt word .May GOD bless you.Dame Fekadu .uumaata kana faakkaatu aadaa kana fakkatuun, jecha kana fakkaatuun faarfachuukeef...Guddaa eebbiifami.gurra koo dheebuu baasteetta. lubbuunkoos itti haara'eera.kanumaan itti fufi.
jaalladhera Waaqayyo sii haa ebbisuu
WooowwwWaaaqaayoo,baaye,ee baaye e,siyaa daachan,daachan,daachaan,ebisuu,Amee,Ameen Ameen Waaqaayoo,dibaata,isaa,siif yaa daabaluu👍👍🤲🤲🤲🤲🙏🥰🥰🥰🥰❤️❤️
Dhugaa dubbachuuf baayyee aja'ibaa dhaggefatamee hin qufamuu WAQAYYOO kana caalaatti si ha ebbisuu Dame
Faarfannaa qoraafamedha aabbee! Jechootaa fi suur-sagaleen waraabbiisaa akkaataa saba keenya sadarkaadhaan jiru hubatamuu danda'u hundaaf kan ta'udha!
Waqaayyoo sihaa ebbiisu
Dhugaa farfaannaa bay'ee nama hawwaatudhu. Kana calaa waqayyoo ayyana isa sif haa bay'eesu
Maaloo eebbifamaa!
Dhugumatti dhaggeeffatamee hin quufamu!
ትርጉሙ ምን ማለት ነው
Waaqayyo si haa eebbisu! Hojii gaarii kana ittuma fufi jabaadhu!
Addaam maaloo! Itti fufee ha mirgisu.
❤❤❤❤❤❤ bayyee namatii Toltuu dhuga waqayyoo barafi jirenyaa kee saan haa ebbisuu
Waaqni Gudaan Si haa eebbisu..Baay,ee nama eebbisa faarfannaan kun.
Dangeeffamaa yaada siif hin qabu.!!!!!!! eebbifamii maqaa yesuus jiraataan.
Waqaayyoo sii Haa eebbiisuu baayee caalatti ayyaanaa siif haa baayaatuu.
Ajaa'iba !!!!! jechoota nama gammachiisaniif hamilee namatti horantuu adda naaf taasise si jaallanna dameekoo ayyaanichi sirratti haa baayyatu!
Eebbifami Dameekoo.
kan akka kiyyatti faaruu kanaan eebbifame jira hin sehu.
Inni waaqaa fi lafa uume Waaqayyo hunduma keessan haa eebbisu! Damee guddaa eebbifami, AYYAANA ISAA KANA CAALAA SIIF HAA KENNU! BAGGA RAGADDAN, KAN ISAAF HIN RAGADAMNE EENYUUF RAGADAMAREE BAGA BAGA UUFEE AKKAM NAMATTI TOLTUU!!!!!!!!!!!!!!!!! KEEP UP IT ALL OF YOU!
waaqayyoo ammallee sif haadabaluu
nama waaqayyo!!!!!!!!
ammmmmeeeeeeen
Gooftaan dabalee dabalee si haa ebisu. Oguuma bareeda dha. gooftaan siif haadabaluu
#UUMAA MARAA!
Farfannaanke hundii isaanii ogummaa addaan barreefaman! keessumaa kun immoo anaaf Addan jedha! Yeroo Hedduun irra deddebi'ee dhageefadhee garuu Quufuu hin dandeenye. akka sagalee Kiloleettifi Ululleetiin dhageefadhee quufuu dadhaabe. Waaqayyoo samii irraa si haa eebbisuu! Jabaadhuu ammas waan guddaa si irraa akka eegnu beeki! atis nama Jabaadha!
Waaqayyoo amayyuu dachaadhanii siif haa daballuu ayyaana isaa
Faarfannaaa kana baay'een jaaladha, garuu jecha waaqayyoo ykn yesuus jedhu takkaa hinxuqumne. Maaliif ta'a kun...? Jechi maqaan yesuus ykn waaqayyoo keessa hinjirre dhamdhama hinqabu. Yaada walbuusuuf miti, gara fuulduratti sirrachuu qaba!!
Ayyi yaa walqequu farfannan kunii wa,e yesuus malee wan biraa wan ibsuu hin qabuu yesus yesus jechaa olamoo kaa yaa umaa koo jechaa jiraa silaa akkatti namaa arsitanii 🙄🙄🙄
Waan jedhee ebbisuun dhabee anoo Ayyaanni kuni sif haa baayatuu
guddumma waaqa haala aja'iibatiin waan nutti himteef galatoomi ...
Waqayyo kana caala guddadha!!
Wow ijoollee waaqayyoo waaqni keenya guddaa isin haa eebbisu ammaayyuu ayyaani waaqayyoo daacha isaa sif haa daabaalu !! guddaa Eebbifamera ani itti
Maaloo akamii namtii tolaa Eebbifamaa
Yaa Waaqayyo, daansii barichaa keessaa nama akkas gara jiruu afuuraatti nama waamu waan nuuf kaasteef; galata guddaa saan siif qaba!
Yoo faarfatan kunoo akkasitti walaloo cimaafi yeedaloo gurra namatti toluun faarfachuudha. Gooftaan Maccaa bara keefi tajaajilakee haa eebbisu. Baayyeen ittiin eebbifame!! Eebbifami atis!!
Ayyaanni waaqaqyyoo siif haa bayyaatu dachaa dachaa.uuuuuuuuuuuuuuffee.
farfannaa haalan namatti toluudha hin quufamu eebbifami dame
daamee ebbifammii aseegid faana waal faakkattu
Eebbifami ammallee Dameeko! Yeroo hunda dhaggeeffadha, yeroo hundan ittiin eebbifama. Dachaa eebbifami!
Ameeeeeeeenn Ameeeeeeeenn 🤲 Waaqayyoo baraaf jireenya keesanii haa eebbisuu eeebbifamaa eeebbifamaa eeebbifamaa eeebbifamaa
Ameen Ameen ebbifami ayyani calu sif haa dabalamu👍👍👍👍👍🙏🙏🙏🙏💞💞💞❤️❤️
Dinqii Waaqayyoti kun eebbiffami, bara baraan.
Faarfannaa baayyee namatti toludha, Waaqni isin ha eebbisu
Waaqayyo eebba isaa dachaa sirratti haa dhangalaasu .
Uuuffeeeeee eebbifamiiiiii mucaa kakuu
Baye namati tola 😊😊😊😊😊😊😊😊😊😊😊😊😊😊😊😊😊😊😊☺☺☺☺
Maalinni nama kana irra deddebite dhaggeffatahoo mucaa keetiyyi naan jedhan maqaan abbaa Damee Fiqaadu waan ta'eef.
Mee dhugaa dubbachuf namni walaloo isaafi jechoota isaa sirritti dhageeffate guyyaa tokkoof qofa osoo hin ta'iin torbaniifi ji'aaf dhaggeeffata. Obbolesso siif haa baayy'atu. Waaqayyo dabale daddabalee si haa eebbisu. Amen
Hojii dinqiidha!
Waaqayyo isin haa eebbisu!
Uuuuuuuffffffffeee ebifaamaa 🙌🙌
Bayyeen gammade gafaan ilalle namaa akkasitti itti yade qophessef kabajaa gudda qaba adaan enyumma u
Ofitti.
Eebifami dacha amalle ayyani goofta siif haa bay'attu!!!!
Maali namni akkanatti ofta'ee dhugaa keessa isaa budduuksu kun! Eebbifamteetta silaa maalan jedha.
Waaqii isan Eebbisu! barri jireenna keessanii eebifamu!
Waaqayyoo si haa eebbisu! Hojii kee duraas nan jaalladha, kunis ni Bareeda
Wow!! what a song! what a video clip! Damee gooftaan si haa eebbisu Ayyaanasaa dabalee siif haa kennu
DAMEEN NAMA SAMMUUNSAA HAFUURA OGUMMAAN DAGAAGEDHA! WAAQAYYO BARAAF JIREENYASAA HAA EEBBISU!
Faarfannaa hin quufamnedha! Baayyeen jaaladhe!
sirraa burqee in dhumiin ayyaanni sirra jiru
Damer Eebbifami Faarfannaa baayyee namatti toludha
Hamma fedhe yoo waliin dhooftun baayyatteyyuu
bara keessaa waaqni nama hin dhabu
warra bara keenya keessa ka'an keessaamoo
ati anaaf ishee qaalidha.
dameekoo ati dammumaam
You nailed it bro!
Waaqayyo nama dhoksee kaawwateeru qaba!
Wow.................qindooomna hafuuraan masakame!!!! Abboo ammallee eebbifam!!!
Wowwwooo ajaa'ibaa damee koo. Cimii ijaa jabaadhuu. Itti fufii
bayyeee bareeda , qaxalee ijollee jabadhaa
Faarfannaa kana dhaga'ee namni gurra isaa itti qabee hin dhaggeeffanne ni jira jedhee hin yaadu. Ajaa'iba
Ogumaan gooftaa adda....Faarfachuun akkasitti kunoo. Iddoo yaannikoo jiru faarfatte dameeko. Stay Blessed
fiixee faarfannaatim !!!! Hammayyuu ebbifamii
yoo farfataan akkas ....
hin qufamuu namichoo namatii tola
Amen amen ebifamiii damee bay'ee sii jalana
Wow daame waqayyoo si haa ebbisuu amma illee burqaa isaa sif haa dabalu waqayyoo farfannaa ke hundi isaa erga dha dhalota fi
Dhuguumaati keenaa artii qabdaa. Aadaa, amantii fi siyaas-dinagdee sabaa akanaati bakkaa tokkooti halaa akkasiin hojechuun kee dibataa guddaan dha. Keenaa kee kanaa caalaati gudiftee akkaa dhaloota kanaaf fakkenyaa gaarii tatuu Waqayyoo sii haa gargaruu Daamee!
jabaadhu ayyanni waqayyo siif haa bayyatu
Wwww goftaan isina ebbisuu farfanaa aja'ibatii jabadhaa itifufaa🤲🤲🤲🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
Gooftaan si haa eebbisu eebbifamaako,jabaadhu dungoo ifee hin dhumne qabatteetta bar
Damee waqaayyoo saa ebbisuu bara mo'ii qaxaale nama kakuu
Baay'ee addaam Dameekoo. Waaqayyo bara kee haa eebbisu. Keep it up.
Abara