"Qaama Saalaa 2 Qabdi" Dhaddacha Jaalalaa 26

Sdílet
Vložit
  • čas přidán 8. 09. 2024
  • Iyyannnoo 1ffaa Galmee iyyannoo 55
    “ As wr wb qopheesitoota Nural hudaa qophii dhaddacha Jaalalaa, akam nagaha qabdanii fayya keessanii baga nuuf jiraattan.
    ●Ani Maqaan kiyya A.M jadhama.
    ●Biyya Awroppaa irraahi.
    Mudannoo Ani hin yaadin tokkootu na mudatee Furmaata Hatattamaa barbaada.
    -Akkuma isinuu beektan Biyya Awroppaa tana keessa dubartiin teenna baayinaan hin jirtu, Ani erga biyya kana dhufee obsaan waggaa dheeraa lakkofsisee jira . biyyuma kanatti baradhee amma hujii qabadheetan jira, erga hujii qabadhee booda Bultii jaarachuuf murteyse . Haa ta'u malee dubartiin Oromoo biyya kanatti baayyinaan waan hin jirreef aniis taniin ani Barbaadu argachuu hin dandeenye sababa kanaaf jacha dubartuma biyya kanaa fuudhuuf murteyse. Dubartii wahii barbaade ta islaamaa ta hijaaba uffatu argadhe, tan Haalaa fi Amalli isii bareedaa. achi booda akkaan isii fuudhuu barbaadu itti himee wal-taanee . achibooda Abbaa isiitiis dubisee abbaaniis haya intala tiyya siifiin kenna naan jadhee. guyyaa Nikaahaa Waliif beelamnee nikaaha islaamaa naaf godhee. achi booda aniis Cidha godhachuuf Murteysee uffataa fi dahaba isiin barbaaddu mara biteefi dabalataaniis Sahiboota kiyya mara isaatuu affeeree cidhaa bareedaa ka ajaaibaattiin godheef , achi booda erga namni walitti nu dhiisee gale booda Aniis Aruuza isii irratti seenuuf qophaahee isii irratti Seene. Yeroo isii irratti seenu Waan Ani hin yaadinuutu Namudate, yeroo sanitti rifaatuu irraa waniin dubadhuus wallaalee dubbiin laagatti na danqaramte Mudhiiniis na citte , wanni na mudate miciyyoon Ani fuudhe tuni Saala lama qabdi Kan dhiira fi dhalaa. Qaamni isii guutuun akkuma Shamaraati Guntutaa fi rifeensa mataatiis akkuma Shamaraatti qabdi. Rakkoon isiin qabdu Saala lama qabaachuu isiiti. Uuufff Rabbiin waan akanaa nama hin mudin guyyaa gamachuutiin. Achibooda ergaan tiqqo tasgabbaahee booda of-jajabeesseetuman yaaboo maaliif akana na goota ? maaliif yeruma jalqabaa san natti himuu dhabde ja'eetiin gaafadhe isiiniis akana naan jatte.....
    - Yaaboo Sitti himuu dhabee si rifachiisuu kiyyaaf dhiifama garuu yeroo San sitti himuu Saalfadhe, Yoon Sitti hime na dhiifta jadhee Sodaadhe, Aniis Rabbumaatu akanatti na uumee maaliin gochuu Dandaha , Nan qaaneessinii na waliin jiraadhu namutti na hin himin naan jatte miila kiyya irratti kuftee natti waywaachuu jalqabde, Baqqaa aniis yeroo sanitti waniin godhuus wallaaleetiin Yaaddoon cimaa sammuu kiyya irratti wal-gahe. Ergasii aniis dura Sheekoota gaafadheetiin Murtii Siif kenna jadhee itti hime.
    Amma Asiratti gaafiin kiyya. Yoon Amma isii firraahiin hiika jadhe Maalaqa, Dahabaa fi uffataan isiif bite kanaan bilaachitti kasaara jadhee Sodaadhe. Yoon ishii waliiniin jiraadha jadhe qaama saalaa lama qabdii akamittiin waliin jiraadha.? 😭
    Yaaboo Akanatti Sammuunkoo na jeeqamaa jira Mee furmaata bareedaa ka anaas hin miine ka isiis hin miine naaf kennaa.
    Iyyannoo 2ffaa
    Galmee iyyannoo 56
    Assalaamu aleykum worahmaatullaahi wobarakatuhu
    Akkaam nagaaya fayyaa jirtu qohpesittoota Dhadaacha jalaalaa. mashaa Allah Rabbii isiin irraa haa jaalaatu carraa kana nu kennuu kessaanif
    Ani maqaan kiyyaa A.S jedhaama namni Ani himaachuf demuu Abbaa mana kiyya kabajaama fi jalaatama A.K jedhama Abbaan mana kiyya halaan jalaadha innis akkasuma naa halaata akkasuma maati kiyyas hedduu naaf kabaaja.
    Rakkoo takkaa qofaatu gama kessaan naa fide sunis
    Abbaan mana kiyya akkaa Ani maati kiyya biraa yeroo hedduu dhaaqu naaf hin hayyaamu yoo Ani ji'a 2 fa'aati bira demuu halkaan tokkoo qofa maati kiyya bira bulee akka debbi'u barbaada.
    Maatin kiyyaas halkaan tokkoo qofa nu bira bultaa jedhaani naati Aruu innumayyuu ummiin Tiyyaa hangaa naa dukaa boyaan takkaati
    Ani isaan jibbee osoo hin taane qallii abbaa worraa kiyya guttuuf jecha. Yoo Anii Abbaa worraa kiyyaatu akkas naan jedhe jedheen maatin kiyya isaatti mufaataf caldhise
    Ani garuu jidduu kanaati rakkaadhe maatin koo waan isaan jibbaaf irraa fagaadhu naa sehu Abbaan worraa kiyyaas naaf hin hayamu
    Kana rakkadhe mee furmaata isiin irraa egaadha
    Jazakumullaahu keyran
    Copyright Notice:
    Reuploading any of our videos or content to another CZcams channel or platform without our explicit consent is a violation of our copyright. We do not tolerate such actions.
    We actively monitor for unauthorised use of our content. If we discover that our content has been reuploaded without permission, we reserve the right to take appropriate legal action, including reporting the infringement to CZcams and requesting the removal of the unauthorised content.

Komentáře • 344